Fana: At a Speed of Life!

Maaleezhiiyaatti manneen barnootaa 111 cufaman

0 243

Finfinnee, Bitootessa 5, 2011 (FBC)- Maaleezhiiyaatti sababa faalama naannoon walqabatee manneen barnootaa 111 cufaman.

Maaleezhiiyaatti manneen barnootichaa kan cufaman sababa naannawa bulchiinsa kibba Johoor magaalaa indaastirii Pasiir Gudaangaatti faalamni naannoo mudateen walqabatee namoonni 500 oli dhukkubsachuun ta’uu dubbatameera.

Namoota faalama sanaaf saaxilaman irratti miirri balaqqii fi garaa hammeessuu kan mudate yoo ta’u, dhukkubsatoota keessaa irra caalaan immoo barattoota ta’uun ibsameera.

Dhukkubsatoonni kunneenis yeroo ammaa kana hoospitaala keessatti tajaajila yaalii fayyaa hordofaa akka jiran ibsameera.

Sababa kanaan ministeerri barnootaa biyyattii iddoowwan rakkooleen kun itti uumaman manneen barnootaa jiran 111 akka cufaman murteesseera.

Maddi፡- Aljeeziiraa

Comments
Loading...