Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin nageenyaa ummata aanalee ollaa Amaaraa fi Affaar gaggeeffamaa jira

0 77

Finfinnee, Bitooteessa 5, 2011(FBC)-Koonfaransiin nageenyaa ummata aanalee ollaa Amaaraa fi Affaar gaggeeffamaa jira.

Manneen maree naannolee Amaaraa fi Affaar, koonfaransii nageenyaa ummata aanalee ollaa Amaaraa fi Affaar magaalaa Waldiyaatti gaggeessaa jiru.

Koonfaransiichanis akkaataa walitti bu’iinsi aanalee ollaa naannolee lamaanitti ka’u karaa nagaan hiikuun danda’amu, haala tokkummaan jiraattota naannawicha jiratanii itti cimuu fi akkaataa rakkoolee ka’aniif furmaata waaraa itti kennuun danda’amu irratti kan mari’atamuudha jedhameera.

Mariicha irrattis Preezdaantii naannoo Amaaraa duraanii Obbo Gadduu Aandaargaachawii fi preezdaantii naannoo Affaar Awwaal Arbaan dabalatee qondaaltonni ol aanoo naannolee lamaanii irratti hirmaachaa jiraachuun isaanii ibsameera.

Dabalataanis mariicharratti qaamoleen hawaasaa aanalee ollaa naannolee lamaanii, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa irratti hirmaachaa jiraachuu dubbatameera.

Comments
Loading...