Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Taanzaaniyaatti hidhaarra turan 50 gadhiifaman

0 128
Finfinnee, Bitootessa 5, 2011 (FBC)- Ityoophiyaanonni Taanzaaniyaatti hidhaarra turan 50 gadhiifaman.
 
Lammiileen kanneen hidhaa biyyattiitii akka hiikaman Ministeerri Dhimma Alaa FDRI, Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa fi mootummaan Taanzaaniyaa qindoominaan hojjetaniiru.
 
Lammiileen 450 achuma Taanzaaniyaatti hidhaarra kan turan gadhiifamanii gara biyya isaanii akka deebi’an hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksiseera.
 
Mootummaan akkaataa duursa kabaja lammiilee isaatif laaten, Ityoophiyaanonni biyyoota addaddaatti hidhaarra turanii fi dararaa argaa turan gara biyyaa akka deebi’an taasifamaa jira.
 
Amma ammaattis lammiilee hedduun biyyoota addaddaarraa gara Ityoophiyaa deebi’aniiru.
Comments
Loading...