Fana: At a Speed of Life!

Dhagaan bu’uuraa Buufata Gogaa Warrataa kaa’ame

0 74
Finfinnee, Bitooteessa 5, 2011 (FBC)- Dhagaan bu’uuraa ijaarsa Buufata Gogaa Warrataa kaa’ame.
 
Buufaticha kan ijaarsisu Dhaabbata Tajaajila Loojastiiksii Geejiba Galaanaa Ityoophiyaati.
 
Sirnicharratti ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas, preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Ambaachaw Makoonnanii fi hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaan argamaniiru.
 
Buufatichi heektaara 20 irratti kan ijaarramu yammuu ta’u, ammatti heektaara 3 irratti Birrii miiliyoona 100n baatii 6tti misoomsuun karoorfameera.
Comments
Loading...