Fana: At a Speed of Life!

Tapha Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaa kaleessa galgala gaggeeffameen Kiristaanoo Roonaldoon haatiriikii hojjate

0 166

Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011 (FBC)- Tapha Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaa kaleessa galgala gaggeeffameen Kiristaanoo Roonaldoon haatiriikii lakkoofsisuun kilaba isaa gara marsaa itti aanuutti dabarsuu danda’eera.

Juveentus dirree isaan alatti tapha darbeen Atileetikoo Maadriidiin goolii 2 fi 0 moo’atamus tapha deebii kaleessa galgala dirree isaarratti  gaggeeffameen immoo goolii  3 fi 0n moo’achuun qabxii  dhaqaa galaatin goolii 3 fi 2 moo’achuun marsaa itti aanuuf darbuu mirkaneeffateera.

Tapha kanaan Kiristaanoo Roonaldoon goolii 3 lakkoofsisuun haatiriikii hojjachuu danda’eera.

Taphataan kun Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaa irratti taphataa muuxannoo guddaa qabu yoo ta’u, innis geeba kana Riyaal Maadriidii fi Maanchistar Yuunayiitiid wajjiin injifachuu danda’eera.

Oduu walfakkaatuun tapha biroo gaggeeffameen Maanchistar Siitiin Shaalk 04 galchii tapha dhaqaa galaa garaagarummaa guddaan goolii 10 fi 2n injifachuun gara marsaa itti aanuutti darbuu danda’eera.

Maddi; BBC

 

Comments
Loading...