Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Faransaay saayinsii hawaarratti waliin hojjachuufi

0 233

Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011 (FBC)- Inistitiyuutiin Teeknooloojii Saayinsii Ispeesii Ityoophiyaa fi  Wiirtuun Qorannoo Biyyooleessaa Faransaay saayinsii hawaa irratti waliin hojjachuuf waliigaltee irra gahaniiru.

Dhaabbileen lamaan waliigaltee waliin hojjachuu isaan dandeessisu guyyaa har’aa walii mallatteessuu Minsteerri Inooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa beeksiseera.

Waliigaltichaanis ragaa haala  qilleensaa saatalaayitii irraa argamu fayyadamuun dhibbaa jijjiirama qilleensaan dhufu bu’uuraan hojiilee to’aachuu dandeessisu waliin hojjachuu kan dandeessisuudha jedhameera.

Dabalataanis waliigaltichi teeknooloojii hawaa fayyadamuun  hojii qonnaa, hojii bosonaa, hojiilee iddoo bishaan itti argamu addaan baasuu fi hordofuu dandeessisuu fi gochoota biroo waliin hojjachuu kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Ijaarsa dandeettii humna namaa, hojii saayinsii hawaa tajaajila nageenyaaf fayyadamuu  dandeessisu uumuu, dirreewwan waliigaltee irra gahaman akkaataa gara gochaatti itti galamu haalota mijeessuun qaama waliigaltee kanaatis jedhameera.

Waliigalticha kan mallatteessan daayreektara Inistitiyuutii Teeknooloojii Saayinsii Ispeesii Ityoophiyaa Dooktar Salamoon Balaayii fi preezdaantii  Wiirtuu Qorannoo Biyyooleessaa Faransaay Dooktar Jeen-yeevs Li Gal ta’uu ragaan ministeerricha irraa arganne ni mul’isa.

 

 

 

Comments
Loading...