Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Aworooppaa fi Hindiin biyyoota xiyyaara Booyiing 737 Maaks 8 balaliisuu dhoorkanitti dabalaman

0 614

Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011 (FBC)-Dalibata darbe xiyyaarri Booyiing 737 Maaks 8 osoo Finfinneerraa gara Naayiroobiitti  imalaa jiruu Bishooftuutti kufee caccabuun balaa dhaqqabeen lubbuu namoota 157 galaafachuusaan walqabatee Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni idil addunyaa baay’een xiyyaara kanatti fayyadamuu dhaabuu beeksisaniiru.

Biyyoota Booyiing 737 Maaks 8 fayyadamuu dhoorkan keessaa isaan adda dureen Chaayinaa, Awustiraaliyaa, Indooneezhiyaa, Jarmanii fi Biritaaniyaadha.

Yeroo ammaa kanaa kaasee Gamtaan Aworooppaa fi Hindiin biyyoota xiyyaara gosa kanaatti fayyadamuu dhoorkanitti dabalamuun isaanii ibsameera.

Biyyoonni idil addunyaa baay’een xiyyaara gosa kanaatti fayyadamuu dhoorkan illee Ameerikaan garuu ammas xiyyaarri kun balaliif mijataadha jettee mirkaneessaa jirti.

Waldaan Balaliistotaa Ameerikaa kan CWA   jedhamu garuu bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa gaaffilee itti baaya’achaa jiran ilaalcha keessa galchuun xiyyaara kana yeroof hojii dhaabsisuu akka qabu gaafateera.

Minsteerri Siivil Aveeshinii Hindii xiyyaara Booyiing 737 Maaks 8 jedhamutti fayyadamuu hatattamaan akka dhaabu beeksiseera.

Ibsi ministeerri kun baase akka mul’isutti hanga nageenyummaan xiyyaara kanaa qilleensa irratti mirkana’uutti Hindiin itti fayyadamuu akka hin qabneedha.

Eejansiin Aveeshinii Gamtaa Aworooppaa akka murtee dabarsetti biyyoonni miseensa gamtaa kanaa ta’an yeroof gosa xiyyaara kanatti akka hin fayyadamne akeekkachiisa dabarseera.

Maddi; BBC

 

Comments
Loading...