Fana: At a Speed of Life!

Daandichi lakkoofsas ta’e, yeroo balaliirratti jijjiirrama osoo hin agarsiisin akkuma duraatti tajaajila laachaa jira

0 111
Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011 (FBC)- Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa lakkoofsas ta’e, yeroo balaliirratti jijjiirrama osoo hin agarsiisin akkuma duraatti tajaajila laachaa jiraachuu hoji gaggeessaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maaryaam ibsan.
 
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti lakkoofsi balalii akka hin hir’atin, sa’aarrattis taanan harkifannaan akka hin mudatin ibsaniiru.
 
Guyyaa kaleessa qofa balaliiwwan 300 ol, edammoo 30 keessummeeffamuu eeraniiru.
 
Kun ammoo balaa kufee caccabuu xiyyaara qabeenya Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Booyiing 737 Maaks 8 boodallee amantaan maamiltootaa akka hin hir’atin muul’isa jedhan hoji gaggeessichi.
 
Muuxannoo fi nageenyi daandichaa maamiltoonni amantaa daandicharraa qaban akka hin hir’isne godheera jedhan.
 
Ogeeyyiin balaliis taanan xiyyaara kuferratti muuxannoo kan qabanii fi leenjii barbaachisaa mara kan fudhatan turan.
 
Sababii balichaarratti odeeffannoon funaanamaa fi qoratamaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Qaama balicha qoratuuf odeeffannoo mara daandichii fi Booyiing kan kennan ta’uu ibsaniiru obbo Tawaldaan.
 
Daandichi Booyiing 737 tajaajila akka hin laannee fi akka dhaabbatan godheera.
 
Daandiiwwan qilleensaa biyyoota hedduus tarkaanfii walfakkaataa fudhachaa jiru.
Comments
Loading...