Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Arabaa sababa waraanan Doolara biliyoona 900 dhaban

0 357

Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011(FBC)-Biyyoonni Arabaa sababa waraanan carraa qabeenyaa Doolara Ameerikaa biliyoona 900 ol dhabuu Baankiin Idil Addunyaa ifa godheera.

Baankii Idil Addunyaatti itti aanaan preezdaantii galma misoomaa bara 2030 Mahammed Mohiildiin bara Faranjootaa 2010 irraa kaasee hanga bara 2018tti baroota walitti aananii jiran biyyoonni Arabaa sababa wal waraanan carraa qabeenyaa Doolara Ameerikaa biliyoona 900 ol dhabuu isaanii dubbataniiru.

Biyyoota kanneen ifaan dubbachuu baatanis warraaqsa Arabaan walqabatee Liibiyaa, Yamanii fi Sooriyaatti rakkooleen uumaman gatii guddaa kanfalchiiseera jedhaniiru.

Akka ibsa hogganaa ol aanaa kanaatti waraanni biyyoota kanneen keessatti mancaa’ina qabeenyaa ol aanaa geechisuu fi carraa qabeenyaa dhabissisuun hanqina diinagdee fideera jedhaniiru.

Maddi; Middle East Monitor

 

Comments
Loading...