Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Hoortii Flooraa 2019 Finfinneetti eegalameera

0 125
Finfinnee, Bitooteessa 4, 2011 (FBC)- Agarsiisni Hoortii Flooraa 2019 Finfinneetti eegalameera.
 
Sirna agarsiisa Hoortii Flooraa baranaa mata duree ” Yeroon itti aanu kan hoortiikaalchariiti.” jedhuun qophaa’e ebbisee kan bane preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeeti.
 
Agarsiisichis guyyaa lamaaf kan turu yammuu ta’u, har’a Bitootessa 4,2011 magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti ebbifamee ifatti eegalameera.
 
Preezdaant Saahilawarq haasaa baniinsaa taasisaniin balaa Dilbata darbe xiyyaara Ityoophiyaarra qaqqabeen namoota lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatii isaanitiif jajjabina hawwaniiru.
 
Dameen oomisha abaaboo biyya keenyatti babal’achuu ega eegalee waggaa 15 kan hin guunne ta’us, carraa hojii bal’inaan kan uumee fi sharafa alaa argamsiisaa kan jiru ta’uu isaatin qaamoleen damicharratti bobba’an galateeffamuu qabu jedhaniiru
 
Fayyadamtummaa hojjettootaa mirkaneessudhaan damichi fudraa fi mudraattis akka babal’atu dhaamaniiru.
Comments
Loading...