Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Aljeeriyaa Abdulaaziiz  Buutefliikaa filannoo dhuftu irratti akka hin hirmaanne beeksisan

0 183

Finfinnee, Bitooteessa 3, 2011 (FBC)- Preezdaantiin Aljeeriyaa Abdulaaziiz  Buutefliikaa filannoo preezdaantummaa Aljeeriyaan yeroo 5ffaaf ji’a Eebla dhuftu gaggeessitu irratti hirmaachuuf akka fedhii hin qabne beeksisaniiru.

Preezdaantichi murtii kanarra kan gahanis erga lammiileen Aljeeriyaa kumatamaan lakka’aman hiriira nagaa gaggeessuun, karoora isaan yeroo 5ffaaf heera biyyattii fooyyeessuun filannoo preezdaantummaa biyyattiin ji’a Eebla gaggeessitu irratti hirmaachuuf qaban mormanii booda ta’uu ibsameera.

Dabalataanis preezdaantichi filannoon biyyattiin ji’a dhuftu gaggeessuuf karoorfate yeroo hin beekamneetti akka darbu taasisaniiru.

Maanguddoon waggaa 82 preezdaant Buutefliikaa yeroo calqabaaf akka lakkoofsa Faranjootaa bara 1999 preezdantii Aljeeriyaa ta’anii erga filatamanii hanga ammaatti Aljeeriyaa preezdaantummaan dursaa jiru.

Preezdaant Buutefliikaan erga akka lakkoofsa Faranjoota bara 2013tti dhibee istirookiin qabamanii yeroo baay’ee waajjira isaaniitti argamuun ummata tajaajiluu hin dandeenye jedhameera.

Sababni ijoon lammiileen Aljeeriyaa hiriira nagaa bahanii karoora isaanii kana falmanis waajjiratti argamanii ummata biyyattii tajaajiluu hin dandeenye yaada jedhuuni.

Maddi; Aljeeziiraa

 

 

 

Comments
Loading...