Fana: At a Speed of Life!

Booyiing 737-8 Maaks tajaajila balaliin ala ta’aa jira

0 102
Finfinnee, Bitooteessa 3, 2011 (FBC)- Daandiiwwan qilleensaa hedduun xiyyaara Booying 737-8 Maaks tajaajila balaliidhan ala gochaa jiru.
 
Daandiiwwan qilleensaa murtii akkanaarra kan qaqqaban xiyyaarri Booyiing 737-8 Maaks abbummaan isaa kan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa ta’e Dilbata darbe Finfinneerraa ka’ee gara Keeniyaatti imalaa osoo jiruu daqiiqaa 6n booda kufee caccabee lubbuun namoota 157 darbuu isaatini.
 
Balaa amma dhiyoo kanaan ala baatii 5 dura xiyyaaricharra balaa walfakkaataan qaqqabuun ni yaadatama.
 
Sababii kanarraa ka’iuudhanis daandiiwwan qilleensaa fi abbootiin to’annaa aviyeeshinii Booyiing 737-8 Maaks yeroo hin murtoofnef tajaajila balalii keessaa akka ba’u murteessaa jiru.
 
Kaleessa Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarichaan tajaajila balalii dhaabuu isaa ibseera.
 
Haaluma walfakkaatun Chaayinaan xiyyaarota Booyiing 737-8 Maaks 100 ol yeroo hin murtoofnef tajaajila balalii akka hin laanne dhaabsisiteetti.
 
Abbaan Taayitaa To’annoo Aviyeeshinii xiyyaaronni walfakkaatoon yeroo hin murtoofnef tajaajila akka hin laanne murteessera.
 
Daandiiwwan Qilleensaa Kaaymanii fi Kooneeyar Booyiing 737-8 Maaks tajaajila balalii akka hin laanne murteessaniiru.
 
Abbaan Taayitaa Siiviil Aaviyeeshinii Siingaapoor ibsa har’a baasen, Booyiing 737-8 Maaks tajaajila balalii biyya keessaas ta’e kan biyya alaa yeroodhaf akka hin oolle murteessera.
 
Balaa Dilbata qaqqabeen booda gatiin aksiyoonaa Booyiing 737-8 Maaks hir’atera.
 
Kaleessa gatiin aksiyoonaa isaa %13n hir’isuu BBCn gabaasera.
Comments
Loading...