Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Dhaabbanni Oomisha Xiyyaaraa Booyiing fooyya’iinsa diizaaynii akka taasisu gaaffatte

0 812

Finfinnee, Bitooteessa 3, 2011 (FBC)- Ameerikaan Dhaabbanni Oomisha Xiyyaaraa Booyiing fooyya’iinsa diizaaynii oomisha xiyyaara isaarratti akka taasisu gaaffatte.

Ameerikaan fooyya’iinsi diizaaynii akka taasifamuuf kan gaaffatte xiyyaarota moodeelli isaanii Booyiing 737 Maaks 8 ta’an irratti jedhameera.

Ameerikaan gaaffii kana kan dhiyyeessite erga gaafa Dilbataa xiyyaarri Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Booyiing 737 Maaks 8 kufee caccabee lubbuu namoota 157 galafatee booda  ta’uu ibsameera.

Balicha hordofee biyyoonni adda addaa Ityoophiyaa dabalatee gosa xiyyaara kanaa balalii daandii qilleensaa isaanii keessaa baasuun ni yaadatama.

 

Maddi; Rooytars

 

 

Comments
Loading...