Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Chaampiyoon Liigii Aworooppaan Maanchistaar Yunaayitidii fi Poortoon marsaa itti aanuutti darban

0 455

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2011 (FBC)- Taphoota Chaampiyoon Liigii Aworooppaa kaleessa galgala taasifameen Maanchistaar Yunaayitidii fi Poortoon marsaa itti aanuutti darban.

Tapha marsaa jalqabaatiin Maanchistaar Yunaayitid , PSGn 2 fi 0 moo’atamuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee kaleessa gara Faransaay imaluun dirree isaan ala PSG irratti goolii 3 galchuun, PSG 3 fi 1n moo’atee gara nuusa xumuraatti darbuu mirkaneeffateera.

Maanchistaar Yunaayitidii fi PSG goolii waliigalaa walqixa sadi sadi qabaataniis seera taphoota Chaampiyoon Liigii Aworooppaan dirreen ala kilaabni goolii baay’ee lakkoofsise gara marsaa itti aanuutti waan darbuuf Maanchistaar Yunaayitidiis carraa kanatti fayyadameeti kan gara marsaa itti aanuutti ce’e.

Tapha biroo taasifameen kilaabni  Poorchugaal Poortoon, kilaaba Xaaliyaanii Roomaa ijifachuun gara marsaa itti aanuutti darbuu mirkaneeffateera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...