Fana: At a Speed of Life!

Riyaal Maadiriid waldorgommii Chaampiyoon Liigii Aworooppaan ala ta’e

0 317

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2011 (FBC)- Tapha deebii chaampiyoon liigii Aworooppaa kaleessa galgala taasifameen ijifataan geebichaa bara darbee Riyaal Maadiriid dirree isaarratti kilaba Ayaask Amiisteerdaamiin 4 fi 1 moo’atamuun taphichaan ala ta’e.

Tapha calqabaa kilaboonni lamaan Nizeerlaanditti gaggeessaniin Riyaal Maadiriid 2 fi 1n kan moo’ate yoo ta’u, ida’ama waliigalaan Riyaal Maadiriid 5 fi 3 taphichaan ala ta’eera.

Taphichaan taphatoonni goolii galchan Ayaask Amiisteerdaamiif Zaayiich, Niyaariis, Taadichii fi Sikoonee yoo ta’an, goolii Riyaal Madiriid moo’atamuu jalaa hin bararre immoo kan galche Asinsiyoodha.

Tapha kanaaniis Ayaask Amiisteerdaam waggaa 22 booda yeroo calqabaaf gara tapha nuusa moo’atanii darbuutti ce’uun isaa beekameera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...