Fana: At a Speed of Life!

Paarkii indaastirii Asoosaatti ijaarramuuf qophiin taasifameera

0 151
Finfinnee, Gurraandhala 27,2011(FBC)- Paarkii indaastirii naannoo Beenishaanguul Guumz magaalaa Asoosaatti ijaarramuuf qophiin taasifamuusaa Koorporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii beeksise.
 
Ityoophiyaan paarkota indaastirii 18 ijaaruuf karoorfatteet hojjechaa jirti.
 
Paarkonni karooran qabamanis waggoottan lamaan itti aananitti ni ijaarramu.
 
Paarkii Asoosaatti ijaarramuuf qorannaan kan xumurame yammuu ta’u, iddoonis adda baafamaa jira.
 
Waggoottan sadan darbanitti damee indaastirii qofaan namoota kuma dhibba 3f carraan hojii uumameera.
 
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
Comments
Loading...