Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa soomanaa

0 420
Finfinnee, Gurraandhala 27,2011(FBC) – Yeroo murtaa’aaf nyaataa fi dhugaatii irraa fagaachuun faayidaa qaba.
 
Faayidaa;
 
1/Sirni bullaa’insa nyaataa akka sirraa’u gargaara
 
Qaamni keenya boqonnaa akka argatu gochuun deddeebisa nyaataa tasgabbaa’aa akka qabaannu taasisa.
 
Sirraa’uun bullaa’insaa kunis cooma qaama keenya keessaa gubuuf nu gargaara.
 
2/Miira beelaa isa sirrii akka adda baafannu nu gargaara
 
Soomni hoormonota qaama keenyaa sirreessuun miira beelaa isa sirrii akka adda baafannu gargaara.
 
3/Gogaa qaamaa qulqulluu akka gonfannu nu gargaara
 
Soomni qaama keenya soorata daakuurraa waan bilisoomsuuf hormoononni keenya hojii isa kaanitti qabamu.
 
4/Dandeettiin yaaduu sammuu keenyaa ni dabala
 
Soomni sammuun keenya prootiinii breen draayvid niwrotrofik faaktar jedhamu akka oomishu gargaara. Kunis sammuun keenya fayya buleessa akka ta’u gargaara.
 
Prootiiniin kun ammoo dhibeewwan sammuu waliin wal-qabatan kan akka Alzaayimarii fi Paarikisans ni-ittisa.
 
5/Ulfina qaamaa hir’isuuf gargaara
 
Darbinee darbinee soomuun ulfina qaama keenyaa hir’isuuf akka gargaaru qorannoowwan ni mul’isu.
 
Yeroo murtaa’eef nyaata irraa fagaachuun coomni qaama keenya keessaa akka gubatu gochuun ulfina qaamaa hir’isuufis gargaara.
 
6/Cimina akka gonfannu taasisa
 
Baay’een keenya soomni cimina qaama keenyaa akka hir’isu yaadna. Haa ta’u malee, qorannoowwan kan agarsiisan faallaa kanaati.
 
Xiqqoo nyaachuun umurii keenya dheerassuufis faayidaansaa guddaa ta’udha kan himamu.
 
7/Humna dhibee ofirraa ittisuu nicimsa
 
Soomuun humni dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa akka dabalu gargaara. Kanaanis wantoonni dhibee fidan akkasumas waantonni doronyoo fidan biroon keessa keenyatti akka hin-guddanne taasisa.
 
Qorannichaarratti akka ibsametti bineensonni uumamaan wayita dhukkubsatan soorata barbaaduurra ofiisaanii nyaata irraa fageessuun boqonnaa fudhatu.
 
Kunis qaamisaanii salphaamatti dhibee akka ittisu gargaara.
 
Faallaasaatiin ammoo wayita dhukkubsanutti soorata barbaacha kan walii gadi fiignu nu dhala namaa qofadha jedha qorannichi.
 
Nyaata cooma baay’atu soorrachuun garmalee furdachuun dhufuu danda’a. Kun ammoo dhibbina ujummoo dhiigaa, dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee, strookii, sukkaara, kooleestroolii, kaansarii, rakkoo wal hormaataa, dhukkubbii jilbaa fi kan biroof nu saaxiluu danda’u kanaaf sooman boodas nyaata fudhannu keessatti kanneenirraa of haa qusannu.
 
Madda: ideadigezt.com
Comments
Loading...