Fana: At a Speed of Life!

Eejansiin Infoormeeshinii fi Nageenyaa sirna kaffaltii qindaa’aa ifoomse

0 80
Finfinnee, Gurraandhala 27,2011(FBC) -Eejansiin Infoormeeshinii fi Nageenyaa sirna kaffaltii qindaa’aa haaraa ifoomse.
 
Eejansichi sirna kaffaltii haaraa kanarratti yaalii gaggeessaa kan ture yammuu ta’u, har’a tajajailaaf ifoomsera.
 
Daayreektarri plaatfoormii qindaa’aa eejansichaa obbo Yoonaataan Ayyaaleew akka beeksisanitti sirnicharratti yaaliin taasifamaa kan ture yammuu ta’u, amma sadarkaa biyyaatti hojiirra oola.
 
Bilbiloota sochootuu fi intarneetii fayyadamuudhan galii mootummaan sassaabu kaffaluu dandeessisa.
 
Sirni kaffaltii kun yeroo, qulqullina tajaajilaa fi nageenya kaffaltii ni eegan itti amanameera.
 
Ministeera Galii waliin sirna galii sassaabduu haaraa kanaan baatiiwwan 8n darban hojii sadarkaa federaalaatti hojjetameen galii Birrii biiliyoona 5 ol sassaabuun danda’ameera.
 
Dhaabbilee tajaajila laatan, baankotaa fi maamiltoota fayyadamoo ni taasisa jedhameera.
Comments
Loading...