Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan hojii diijtaalaayzii Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu ta’uu ibsite

0 254

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2011 (FBC)- Ameerikaan hojii diijtaalaayzii Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu ta’uu ibsite.

Jilli miseensota manneen hojii Ameerikaa keessaa walitti babahan ministir deettaa Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Shumatee Gizaaw waliin marii’ataniiru.

Ministir deettichi hojii xiyyeeffannoo kennee Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii hojjachuu eegalee fi dirree irratti hojjachaa jirus jilicha hubachiisaniiru.

Dooktar Shumateen jilicha gama dhimma poolisii bu’uuraan, gama diriirsa misooma teeknooloojii bu’uuraa fi leenjii dandeettii ijaarsa humna namaa irratti akka deeggarsa taasisaniif gaafataniiru.

Jilichi marii sana irratti  hojii diijtaalaayzii Ityoophiyaan eegalte keessattuu karoora ministeerichi qabate deeggaruuf fedhii akka qaban dubbataniiru.

Jilichi carraa hojii uumuu gama dirree teeknooloojii irrattis deeggarsa barbaachisaa Ityoophiyaaf gochuuf waadaa galaniiru.

Comments
Loading...