Fana: At a Speed of Life!

Jilli diippiloomaasii hawaasummaa Suudaan, araaraa fi nagaa buusuurratti muuxannoo Oromiyaarraa qooddate

0 93
Finfinnee, Gurraandhala 26,2011(FBC)-Jilli diippiloomaasii hawaasummaa Suudaan, araaraa fi nagaa buusuurratti muuxannoo Oromiyaarraa qooddate.
 
Jilichi muuxannoo aadaa walitti bu’iinsaa furuu fi nagaa buusuu Oromoo, godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetii argamuun qooddateera.
 
Jilli diippiloomaasii hawaasummaa Sudaan kun sirna araaraa fi nagaa buusuu siinqeerraa muuxannoo qooddataniiru.
 
Dubartoonni Oromoo siinqee qabatanii ililfataa warra wallolu gidduu yoo seenan, lolli dhaabbateet maanguddoon araaraa araara buusa.
 
Jila muuxannoo qooddate waliin hoggansi mootummaa federaalaa, naannoo Oromiyaa fi godina Arsii Lixaa argamaniiru.
Comments
Loading...