Fana: At a Speed of Life!

Hindiin daataa bilbila sochootuu gatii xiqqaan hojjatu dhiyyeessite

0 287

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2011 (FBC)-Hindiin idil addunyaa irraa daataa bilbila sochootuu gatii xiqqaan hojjatu dhiyyeessuun sadarkaa 1ffaa qabatte.

Dhaabbanni marsariitii Prees Koompirziin CO UK Jedhamu qorannoo taasiseen akka irra gaheetti, Hindiin tajaajila daataa bilbila sochootuu gatii giga baayitii tokkoo maammiltoota isheef Doolaara Ameerikaa 0.26 kan dhiyyeessitu  ta’uudha.

Biritaaniyaan garuu tajaajila walfakkaataaf Doolaara Ameerikaa 6.66 akka gaaffatu ifa taasiseera.

Qorannoo kanaan gatiin daataa bilbila sochootuu giga baayitii tokko Doolaara Ameerikaa Hind 0.26, Kiiyrajiiyistaan 0.27, Kazakiistaan 0.49, Yuukreen 0.51 fi Ruwaandaan 0.56n maammiltootaaf dhiyyeessuun idil addunyaa irraa wal duraa duubaan sadarkaa duraa qabataniiru.

Qorannoo biyyoota idil addunyaa 230 irratti taasifame kanaan Biritaaniyaan daataa bilbilaa sochootuu gatii xiqqaan dhyyeessuudhaan sadarkaa 136ffaa qabattee jirti.

Dabalataaniis gatiin giga bayitii tokkoo akka idil addunyaatti jiddu galeessaan Doolaara Ameerikaa 8.53n kan dhiyaatu ta’uu qorannichi ni mul’isa.

Biritaaniyaan gatiin isheen tajaajila kanaaf gaafattu toora biyyoota daataa bilbila sochootuu gatii mi’aan maammiltoota isaaniif dhiyyeessan waliin ishee ramadas jedhameera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...