Fana: At a Speed of Life!

Feestivaala ayyaana Adwaa 123ffaa Finfinneerratti namoonni miiliyoona walakkaa ta’an ni hirmaatun eegama

0 122
Finfinnee, Gurraandhala 22,2011(FBC)- Feestivaala sirna kabajaa Adwaa 123ffaa magaalaa Finfinneetti kabajamurratti namoonni miiliyoona walakkaa ta’an ni hirmaatun eegama.
 
Manni Maree Nageenyaa Finfinnee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin feestivaalicharratti ega mari’ateen booda ibsa laatera.
 
Jiraattonni magaalichaa ayyaanicharratti hirmaatan geejiba ummataa Shaggar bilisaan fayyadamuu akka danda’an ibseera.
 
Ayyaanichaaf daandileen;
-Qiirqoosii fi Booledhaa kan ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufan daandii karaa Dambal akka fayyadaman,
-Nifaas Silkii fi Aqaaqidhaa kan dhufan daandii Gootaraa-Riichee akka fayyadaman.
-Kolfee fi Lidataadhaa kan dhufan daandii Lagahaar akka fayyadaman,
-Addis Katamaa fi Gullalleedhaa kan dhufan daandii Piyaassaa-Giyoon akka fayyadaman,
-Kolfee, Araadaa, Yakkaa fi Gullalleedhaa kan dhufan daandii Gibbii Gabreel-Koomiishinii Diinagdee Afrikaa akka fayyadaman bulchiinsi magaalichaa dhaamera.
 
Daandiiwwan kanneenis sochii tiraafikaatif cufaadha.
Comments
Loading...