Fana: At a Speed of Life!

0 129
Finfinnee, Gurraandhala 22,2011(FBC)- Carraa barnoota bilisaa argattaniittun faddaaltonni seeran alaa lammiilee gara Chaayinaa imalanirratti dararaa qaqqabsiisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.
 
Odu himaan ministeerichaa obbo Nabiyaat Geetaachaw akka beeksisanitti, lakkoofsi lammiilee Ityoophiyaa carraa barnootaa argattaniittun gara Chaayinaa imalan dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Lammiileen kanneenis carraan barnoota bilisichaa soba ta’ee, Chaayinaatti rakkachaa akka jiran eeraniiru.
 
Chaayinaattis hojii seeran alaa dawaa sammuu nama adoochuu daddabarsuu fi jimaa Ityoophiyaadhaa gara Chaayinaa galchuu keessatti hirmaachaa jiraachuu isaanii beeksisaniiru.
 
Gochaan akkanaa Chaayinaatti hidhaa umrii guutudhaa amma ajjeechaatti akka nama adabsiisu obbo Nabiyaat ibsaniiru.
 
Yeroo ammaas Ityoophiyaanonni 47 gochaa akkanaarratti hirmaachudhaan to’atamaniiru.
Comments
Loading...