Fana: At a Speed of Life!

Paarkonni ijaarramanii hojii eegalan lammiilee kuma 42f carraa hojii uumaniiru

0 125
Finfinnee, Gurraandhala 21,2011(FBC)- Rakkoo hojjettoota paarkota indaastiriirra qaqqabu furuuf akka hojjetamaa jiru Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkotaa beeksise.
 
Koorporeeshinichi dhimmicharratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
 
Mindaan hojjettootaa xiqqaachuu, rakkoon manneen jireenyaa fi geejibaa; hojjettoonni waggaa tokko caalaa akka hin turre gochaa jira jedhameera.
 
Koorporeeshinichi gama isaatin rakkinicha furuuf hojjechaan jira jedheera.
 
Rakkoon bu’uuraalee daandii misoomaa fi ibsaa furamuu akka qabu eerameera.
 
Paarkonni ijaarramanii hojii eegalan lammiilee kuma 42f carraa hojii uumaniirus jedheera.
 
Paarkonni 15 misoomaa kan jiran yammuu ta’u, isaan keessaa 6 hojiitti galaniiru.
 
Naannoo Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi magaalaa Dirree Dawaatti paarkonni 6 abbootii qabeenyatiin ijaarramaa jiru.
Comments
Loading...