Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni cidha irratti dhukaafame lubbuu misirrittii galaafate

0 1,186
Finfinnee, Gurraandhala 18,2011(FBC)- Naannoo Amaaraa godina Giddugala Goondaaritti rasaasni cidhaaf dhuka’e misirroo galaafate.
 
Rakkinichi kan mudate kutaa bulchiinsa Azazoo, Xaadaatti.
 
Dogoggorichi kan uumame Gurraandhala 17,2011 cidha turerratti.
 
Rasaasichi cidha hoo’isuu sababii jedhuun fira misirrittiitin dhukaafame.
 
Yaata’uutii lubbuu misirrittii galaafateera.
 
Gammachuun cidharra tures battalatti gaddatti geeddarameera.
 
Bakka bu’aan itti aanaa Qajeelcha Bulchiinsa Magaalaa fi Dhimma Tasgabbii obbo Gabra Iyyasuus Wandimmuun akka jedhanitti rakkinichi dhoorkaa fi haalaa fayyadama meeshaa waraanaa irratti taasifame irra darbuudhani.
Comments
Loading...