Fana: At a Speed of Life!

Bultii waggaa 70n booda sa’aa walfakkaataatti kan boqatan

0 168
Finfinnee, Gurraandhala 18,2011(FBC)- Bultii ijaarratanii waggaa 70 ega waliin jiraataniin booda, abbaa warraa fi haadha warraa sa’aa walfakkaataatti boqatan.
 
Obbo Gurmeessaa Irreessoo fi aadde Guddisee Qixxaataan jiraattota magaalaa Amboo turan.
 
Bultii ijaarratanii ijoollee 18 horataniiru. Ijoollee ijoollees arganiiru.
 
Obbo Gurmeessan maanguddoo umrii waggaa 101, aadde Guddiseen ammoo maanguddoo umrii waggaa 85 turan.
 
Bultii ijaarratanii waggaa 70 ega jiraataniin booda garuu guyyaa walfakkaataa fi sa’aa tokkotti boqataniiru.
 
Sababii umriitin maanguddoonni lamaan baatidhaaf sireerra oolaniiru.
 
Gurraandhala 14,2011 halkan garuu sa’aa walfakkaataatti lubbuun isaanii darbeera.
 
Obbo Gurmeessaan halkan naannoo sa’aa 6tti lubbuun isaanii yammuu darbu, kutaa ciisichaa biraa keessa kan turan haadhi warraa isaanii aadde Guddiseen ammoo sa’aa walakkaadhan booda boqataniiru.
 
Sirni awwaalcha isaanitis Sanbata darbe Amboo Iyyasuusitti raawwatamuu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaasera.
Comments
Loading...