Fana: At a Speed of Life!

Ugaandatti tajaajila intarneetiif gibirri akka kanfalamu murtaa’uun walqabatee lakkoofsi fayyadamtootaa hir’ina agarsiise

0 279
Finfinnee, Gurraandhala 14, 2011(FBC)- Ugaandatti tajaajila intarneetiif gibirri akka kanfalamu murtaa’uun walqabatee lakkoofsi fayyadamtootaa miliyoonaan hir’achuu Koomishiniin Koominikeeshinii biyyattii beeksiseera.
 
Preezdaantiin biyyattii Yuweer Museevnii galii gibira irraa argamu guddisuu fi akkasumas odeeffannoo sobaa karaa Waasappii, Feesbuukii fi Tuwterii dhufu ittisuu kan dandeesisu fayyadamtoota inteerneetii irratti gibirri akka kaa’amu dhibbaa akka godhan dubbataniiru.
 
Fayyadamtootni inteerneetii biyyattii fi kanfaltoonni bilbila harkaan kanfalan Shilingii Ugaandaa 200 gibira akka kanfalan irratti murta’eera.
 
Koomishiniin koominikeeshinii biyyattii akka ibsanitti, bara 2018tti lakkoofsi fayyadamtoota inteerneetii miliyoona 2.5 hir’achuu kan ibse yoo ta’u, kanfaltiin bilbila harkaan kanfalan immoo Doolaara miliyoona 1.2n hir’ina agarsiisuu ibseera.
 
Ogeeyyiin dirree kanaa akka dubatanitti, kanfaltiin gibiraa midiyaa hawaasummaa irratti murtaa’e kun dhibbaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...