Fana: At a Speed of Life!

Mootiin Saawd Arabiyaa dawwannaa guyyaa lamaaf gara Chaayinaa imalan

0 476
Finfinnee, Gurraandhala 14,2011 (FBC)-Mootiin saawd Arabiyaa Mohammad Bin Salmaan erga dawwannaa isaanii biyya Paakistaanii fi Hindii xumuranii booda, dawwii biraaf gara Chaayinaatti imalaniiru jedhameera.
 
Dawwii isaanii ammaa kanaan mootichi du’a sukaneessaa Gazexessaa Jamaal Kaashoogii Tuurk keessatti irratti raawwatameen walqabatee maqaa isaanii haala badaan komatamaa turan ni haaromfatu jedhameet dubbatamaa jira.
 
Mootichis Preezdaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin wal arguun guyyaa lamaaf dhimmoota adda addaa irratti waliin mari’atu jedhameera.
 
Keessattu imala isaaniin biyya Chaayinaa waliin waliigaltee humana anniisaa fi diinagdee adda addaa irratti xiyyeeffate walii mallatteessuuf jedhameera.
 
Haaluma kanaan dhimmi marii hogantoota lamaanii akkaataa Chaayinaan Saawd Arabiyaa irraa meeshaalee dheedhii itti argachuu dandeechuu fi haala ijaarsa daandii Chaayinaan Saawd Arabiyaaf ijaaruu dandeechu irratti kan xiyyeeffatuudha jedhameera.
 
Ijaarsi daandichaas Saawd Arabiyaa karaa kibba bahaa,kibba, Eeshiyaa jiddu galeessaa fi Gaanfa Afrikaa kan Chaayinaan walqunamsiisuu danda’uudha jedhameera.
 
Dabalataaniis chaayinaan Saawd Arabiyaa keessatti dhaabbata anniisaa fi teeknooloojiis ni dhaabdi jedhameera.
 
Chaayinaan maamila guddoo daldalaa Saawd Arabiyaa kan taate yoo ta’u, biyyoonni kun lamaan bara darbe hariiroo daldalaa Doolaara Ameerikaa biliyoona 63.3 walii malatteessuun isaanii ni yaadatama.
 
Akkasumas dawwannaa akka lakkoofsa Aworooppaa bara 2017tti mootiin Saawd Arabiyaa Chaayinatti gaggeessaniinis ijaarsa teeknoolojii fi anniisaaf kan oolu Doolaara Ameerikaa biliyoona 65 Chaayinaarra argachuu isaanii gabaasichi mul’iseera.
 
Maddi; Aljeezra.
Comments
Loading...