Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii Amajjii keessa Birrii biiliyoona 14.90 sassaabuusaa beeksise

0 130
Finfinnee, Gurraandhala 13,2011(FBC)- Ministeerri Galiiwwanii Amajjii keessa galii Birrii biiliyoona 14.90 sassaabuusaa beeksise.
 
Ministeerichi raawwii hojii baatii Amajjii 2011 gamaaggameera.
 
Ministirri ministeerichaa aadde Adaanach Abeebeen akka beeksisanitti, baatichatti taaksii biyya keessaarraa Birrii biiliyoona 10.92 sassaabuuf karoorfamee kan milkaa’e Birrii biiliyoona 7.58 yookin %69.4.
 
Oduu walfakkaataan Koomiishiniin Guumruukaa Amajjii 2011 galii Birrii biiliyoona 6.59 sassaabera.
 
Baatichatti sassaabuuf kan karoorfame Birrii biiliyoona 8.99 ture. Kana keessaa Birrii biiliyoona 6.59 yookin %73.34 sassaabun danda’ameera.
 
Galiin baatichaa kan Bulchiinsa Lootarii Biyyoolessaarraa argame osoo hin danbalatin ta’uu ministeericharraa odeeffanneerra.
Comments
Loading...