Fana: At a Speed of Life!

Kabajamuu heera mootummaa fi olaantummaa seeratiif nan hojjedha -ABUT

0 324
Finfinnee, Gurraandhala 9,2011(FBC)- Heera mootummaa kabajuu fi kabachiisuun olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u nan hojjedha jedhe Addi Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT).
 
Koreen giddugaleessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) ayyaana hundeeffama addichaa waggaa 44ffaa Gurraandhala 11 kabajamu sababeeffachuun ibsa baasen, heeraa fi olaantummaan seeraa akka kabajamu nan hojjedha jedheera.
 
Ibsa baasenis guyyichaan adeemsa qabsoo fi injifannoo kan ittiin yaadannu jedheera.
 
Qabsoo hidhannoo waggoottan 17f taasifameen mootummaan Dargii kufee, biyya sabaa fi sablammootaf taatu uumuuf yaalameera jedheera korichi.
 
Akka ibsa korichaatti waggoottan 27n darban fayyadamtummaa sabootatiif carraaqqameera.
 
Ayyaanni baranaa yammuu kabajamu rakkoolee jiran hiikuu fi bu’aalee argaman kunuunsuu xiyyeeffannaa keessa galcheeti jedheera.
 
Rakkoolee nageenyaa, gaaffilee misoomaa fi demokraasii ummataa deebisuuf haaromsii fi jijjiirramni eegalame cimee itti fufuu qaba jedheera koreen giddugaleessaa ABUT.
 
Ummata Eertiraa waliin Dargii kuffisuuf qabsoon waloo taasifamuu fi Eertiraan walaba ega baateen boodas tumsi turuu eeree, waggoottan 20n darbanitti garuu seenaan mudachuu hin malle uumamuu korichi ibseera.
 
Waraanni Eertiraa fi Ityoophiyaa mudachuun akka irra hin turre ibsee, boqannaa hariiroo haaraa amma banameen waldeeggarree gara badhaadhinaatti waliin haa ceenun waamicha dhiyeessera.
 
Fayyadamtummaa waliinii mirkaneessuuf ummannii fi addichi xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uus ibseera.
Comments
Loading...