Fana: At a Speed of Life!

Fooramii magaalotaatin sochii ummataa uumuun murteessadha- Preezdaant Saahilawarq

0 163
Finfinnee, Gurraandhala 9,2011(FBC)- Hirmaannaa fi sosochii ummataatin misooma magaalotaatif hojjechuun murteessadha jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen guyyaa magaalotaa 8ffaa magaalaa Jigjigaatti har’a kabajamuu eegalerratti argamuun haasaa baniinsaa taasisaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarq rakkoolee misoomaa, bulchiinsa gaarii, hojimaata badaa magaalotaa hiikuun guddina isaanitiif tumsaan fayyadamtummaa ummataatif murteessadha jedhan.
 
Fooramii magaalotaa har’a; Gurraandhala 9 eegalee amma Gurraandhala 14,2011tti turuun magaalonni muuxannoo kan itti waljijjiiran, hojiileen hojjetamanii fi laafinni jiru kan itti gamaaggamamu kallattiin gara fuuladuraas kan itti kaa’amu jedhan preezdaant Saahilawarq Zawdeen.
 
Fooramichaan sosochii ummataa uumuun misoomaa fi fayyadamtummaa jiraattotaa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhan haasaa isaanitiin.
 
Magaalonni jiraattotaa fi namoota keessa boqatanii darbaniif mijatoo akka ta’an tumsaan hojjechuun murteessaa akka ta’es ibsaniiru.
 
Itti aanaan preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafaa Mahaammad gama isaanitiin rakkooleen naannoo Somaalee fi magaalota naannichaa kanaan dura ture hiikamee ummannii fi caasaan mootummaa misooma, bulchiinsa gaarii, fayyadamtummaa ummataa fi guddinaaf tumsaa jiraachuu eeran.
 
Fooramii baranaatin mariin paanaalii, waljijjiirraan aadaa, agarsiisni hojiilee magaalotaa, do’iiwwan addaddaa kan itti dhiyaatudha.
 
Fooramii magaalota Ityoophiyaa baranaa irratti magaalonni Ityoophiyaa 168, kan biyyoota ollaa 6 Jibuutii, Eertiraa, Soomaalee Laand, Ruwaandaa, Keeniyaa, Sudaan irratti hirmaachaa jiru.
 
Dhaabbileen 6 fi dhaabbileen tumsaa mootummaa fi dhuunfaa 10 ol argamaniiru.
 
Fooramiin magaalotaa baranaa mata duree “Ida’amuun badhaadhina magaalotaatif” jedhuun kabajamaa jira.
 
Comments
Loading...