Fana: At a Speed of Life!

Filannoon Naayijeeriyaa torbee tokkoof dheerate

0 105

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2011 (FBC)-Guyyaa har’aa ni gaggeeffama jedhamee eegamaa kan ture filannoon Preezdaantummaa Naayijeeriyaa torbee tokkoof dheerachuu Koomishiniin Filannoo Biyyoolessaa Naayjeeriyaa beeksiseera.

Filannoon jalqabuuf sa’aatiin shan yemmuu hafu ibsa kan kennan itti gaafatamaan koomishinichaa Mahmuduu Yakubuu akka jedhanitti, ‘ ‘ Adeemsi filannoo haala karoorfameen hin argamne.’’

Filannoo walabaa fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuuf jecha guyyaa filannichaa dheeressuuf murteessuun barbaachisaadha jedhaniiru koomishineerichi.

Koomishiniin filannichaa walgahii ariifachisaa taa’uun guyyaan filannoo akka dheeratu murteessuu dubbataniiru.

Torbeewwan lamaan darbanitti kutaalee biyyaatti muraasatti wajjiirri koomishinii filannichaa balaa ibidaan gubachuu ni yaadatama.

Balaa kanaaniis meeshaaleen dijitaalaa kaardii filannoo dubbisan hedduun faayidaan ala ta’uu kan dubbatame yoo ta’u, naannoolee bulchiinsa 36 keessaa naannoolee muraasatti meeshaleen filannoo akka hin guune dubbatameera.

Haaluma kanaan filannoon Naayijeeriyaan mana maree fi preezdatummaaf gaggeessitu sanbata dhuftu akka adeemsifamu ibsameera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...