Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Traamp dhimma dallaa daangaa Meeksikoorratti labsii yeroo biyyaalessaa labsuufi

0 480

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2011 (FBC)-Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhimma dallaa daangaa Meeksikoorratti labsii yeroo balaa biyyaalessaa labsuufi jedha odeeffannoon Waayit Haawus irraa bahe.

Preezdaantichi sagantaa cufiinsa dhaabbilee mootummaa federaalaa hambisu kan mallatteessan ta’uus murtii Kongireesii bira darbuun faandii waraanaaf isaaniif ramadame fayyadamuun dallicha ni ijaarus jedha ibsichi.

Duula na filadhaa Traamp keessatti daangaa biyya isaanii fi Meeksikoorratti dallaa ijaaruun waadaa ijoo ture.

Hanga ammaatti garuu maallaqa waadaa isaanii raawwachuuf isaan dandeessisu argachuu hin dandeenye.

Tibba darbe garuu Kongireesiin cufiinsa dhaabbile mootummaa federaalaa hambisuuf jecha sagantaa Traampiif qarshii haga ta’e hayyamuun ni yaadatama.

Sagantichis seera ta’ee hojiirra ooluuf Tiraampiin mallatteefamuu qaba jedhameera.

Dabalataanis Waayit Haawus ibsa isaa keessatti Traamp waadaa dallaa ijaaruuf gale raawwachuutti jira jedheera.

Dubbii himtuun mootummaa Ameerikaa Saaraa Saandeers ”Tiraamp labsii yeroo balaa dabalatee murteewwaan kaaniis yaaddoo nageenya biyyaalessaa fi gaaga’ama namoomaa naannoo daangaa jiru hambisuuf raawwachuu danda’u” jedhan.

Maallaqa Tiraamp ijaarsa dallaaf karoorfatan Doolaara biiliyoona 5.7 keessaa sagantaa nageenya daangaa jedhamee maallaqni ramadameef garuu Doolaara biiliyoona 1.3 qofa ta’uu ibsameera.

Traamp maallaqa barabaadan argachuuf labsii biyyaalessaa yeroo balaa labsuuf yaadni jedhu erga dhagaahamee mormiiwwan gurguddoon irratti ka’aa jiru.

Keessattuu Dimokraatotni Preezdaant Tiraamp aangootti humnaa ol fayyadamuun gocha seera hin bu’uureffanne hojjachaa jiru jechuun komachaa jiru.

Dimookraatootni labsiin Tiraamp labsuuf jedhan kun aangootti humnaa ol fayyadamuu ta’uusaatti dabalatee waada dallaa ijaaramuuf baasii barbaachisu Meeksikootu danda’a jedhanii turanis kan cabseedha jedhu.

Marii lammiilee biyyattii fi mootummaa Ameerikaan alatti baasii guddaan dallaa ijaaruuf duulli amma gaggeessaa jiran sirrii mitis jedhu.

Kongireesiin biyyattiis aangoo heeran kennameefitti fayyadamuun yaada kana dura akka dhaabatan dhaamaniiru.

Maddi: BBC

Comments
Loading...