Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan oomisha bunaa dachaa sadiin guddisuuf hojjachaa jirti

0 112
Finfinnee, Gurraandhala 8,2011 (FBC)- Afirikarraa oomisha bunaan sadarkaa duraarratti kan argamtu Ityoophiyaan oomishaa fi gurgurtaa irratti fooyya’iinsa taasisuun oomisha bunaa dachaa sadiin guddisuuf hojjachaa jirti.
Ityoophiyaan oomisha ishee waggoota shan keessatti dachaa sadiin guddisuufii kan danda’u fooya’iinsa oomishaa fi gurgurtaa gaggeesitee jirti.
Biqiltuu bunaa durii sanyii biqiloota bunaa haaraan bakka buusuun foyya’iinsa isheen raawwate keessa tokko ta’uu abbaan taayitaa Bunaa fi Shayii beeksiseera.
Jeneraal Daayreektarri abbaa taayitichaa Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, fooyya’iinsa bunaa haaraan oomishitoonni bunaa oomisha isaanii kallattiin akka biyya alaatti ergan isaan taasisa.
Kana bira darbees oomishinni bunaa Itoophiyaa biyyoota baha Eeshiyaa dabalatee Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaatti ni ergamu jedhaniiru.
Bara kana oomisha bunaa toonii kuma 600 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u, fooyya’iinsa haaraan bara faranjootaa 2024 kaasee toonii miliyoona 1.2 hanga 1.8 argamsiisuu danda’a jedhameera.
Yeroo ammaa oomisha tajaajila kennaa jiru lafa heektaara miliyoona 1 keessaa oomishini %60 kan irraa argamu sanyii biqiltuu bunaa duriirraa yoo ta’u, lafti heektaara miliyoona 1.5 immoo oomisha kennuu hin qabne.
Sanyiin biqiltuu bunaa haaraan oomisha kennuu kan danda’an yoo xiqqaate waggaa 3 hanga 4 eeguun dirqama akka ta’e ibsameera.
Maddi; Bluunbarg
Comments
Loading...