Fana: At a Speed of Life!

Giiftii duree Zinnaash, Beenishaanguul Guumzii fi Gaambeellaatti manneen barnootaa Birrii miiliyoona 40 ijaarramaniif waliigaltee mallatteessan

0 199
Finfinnee, Gurraandhala 8,2011(FBC)- Giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw naannoo Beenishaanguul Guumzii fi Gaambeellaatti manneen barnootaa Birrii miiliyoona 40n ijaarramaniif waliigaltee mallatteessan.
 
Waliigalteewwan ijaarsa manneen barnootaas hoggansa Biirolee Barnootaa naannolee lamaanii waliin walii mallatteessaniiru.
 
Manneen barnootaa naannolee lammanittuu ijaarraman kan Birrii miiliyoona 20, diigdamaati.
 
Kanaan alas meeshaalee yaalaa dhaabbilee alaarraa walitti qaban, naannoo Kibaatti godina Hadiyyaa magaalaa Shoneetti Hoospitaala Shoonee Sadarkaa 1ffaadhaf gumaachaniiru.
 
Meeshaaleen laatanis sireewwan daa’immanii, kuusaa qabbaneessaa dhiigaa, teessoowwan hoospitaalaa fi kan birooti.
Comments
Loading...