Fana: At a Speed of Life!

Fooramii magaalotaa baranaatif qophiin taasifameera

0 86
Finfinnee, Gurraandhala 8,2011(FBC)- Fooramiin magaalotaa baranaa rakkoo tokko malee akka gaggeeffamu qophii ga’aan taasifamuun ibsame.
 
Ministir deettaan Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii obbo Kaasahuun Goofeen ibsa laataniin akka beeksisanitti, fooramichaaf qophii barbaachisaan taasifameera.
 
Fooramiin magaalotaa 8ffaan magaalaa Jigjigaatti booru; Gurraandhala 9 eegalee amma Gurraandhala 14tti kabajama.
 
Obbo Kaasaahuun fooramicharratti rakkoon nageenyaa tokkollee hin mudatu jedhaniiru.
 
Qaamoleen nageenya hanga xumura fooramichaatti qindoomina guutudhaan socha’a jedhaniiru.
 
Fooramii magaalota Ityoophiyaa baranaa irratti magaalota 168 fi dhaabbilee 9 oltu hirmaata.
Comments
Loading...