Fana: At a Speed of Life!

Iraanitti balaa bombitiin lubbuun humna nageenyaa 27 darbe

0 138
Finfinnee, Gurraandhala 7,2011 (FBC)- Dhohiinsa boombii balleessanii baduu guyyaa kaleessaa Kibba Baha Iraanitti raawwateen miseensotni Humna Eegdota Warraaqsaa 27 ta’an ajjeefamuu dhaabbanni sab-qunnamtii biyyatii gabaasera.
 
Badichi kan raawwatame iddoo namoonni seeraan ala qoricha sammuu nama adoochu itti deddeebisanii fi gareen qabsoo hidhannoon socho’u itti baay’atu naannoo daangaa Paakisitaanitti jedhameera.
 
Badiin balleessanii baduu kun kan raawwatame konkolaataa loltoota deddeebisurratti bombii fageenya dhiyoo irraa irratti darbatameeni.
 
Badii kanaanis lubbuun loltoota 27 kan darbe yoo ta’u, loltoota 13 irra immoo miidhaan cimaa gahuu ibsameera.
 
Badii ga’eef gareen hidhattoota Sunnii Ja’ish al-Adi ‘humna waraanaa haqaa’ ofiin jedhan itti gaafatamummaa fudhateera.
 
Iraanis qaama loltoota ishee irratti badii gaggeesse kana irratti tarkaanfii icimaa akka fudhatu beeksisteetti.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...