Fana: At a Speed of Life!

Shii Jiinpiing jila hoggansa olaanoo fi daldalaa Ameerikaa waliin mari’achuufi

0 87

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2011 (FBC)- Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing jila qondaaltota olaanoo mootummaa fi daldalaa Ameerikaa wajjiin mari’achuufi.

Shii Jiinpiing jilicha torbee kana Beejiingitti ni dubbisu jedhameera.

Chaayinaa fi Ameerikaan yeroo walmorkii daldalaa keessa galan irraa eegalee osoo waliigaltee tokkorra hin ga’in hafuun isaanii ni yaadatama.

Marii Jimaata dhuftu gaggeeffamu kanaan Shii Jiinpiing ministira Ministeera Maallaqaa Ameerikaa Istiivan Minushiinii fi Roobart Latzaar waliin hariiroo badaa biyyoota lamaan jidduu jiru foyyeessuuf ni mari’atu jedhameet eegama.

Tarii marichi waliigalteen xumuramuu yoo baate Ameerikaan Bitooteessa 23 irraa kaasee oomishoota Chaayinaa Doolaara biiliyoona 200 baasan irratti qarxa akka keessu beeksiseetti.

Ragaaleen akka muul’isanitti biyyoonni lamaan hanga ammaatti waliigalatti qaraxa Doolaara biiliyoona dhibba 3 biiliyoona 60 walirra kaa’aniiru.

Kana hordofee indaastiriin oomisha biyyoota lamaanii madaallii diinagdee addunyaatin rakkoo keessa galeera jedhama.

Maddi; Aljaziiraa

Comments
Loading...