Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Teeknooloojii fi Innoveeshinii xaa’oo biyyoo albuudataalaarratti yaalii gaggeesse

0 104

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2011 (FBC)-Xaa’oo biyyoo albuudataalaarratti yaaliin gaggeeffame.

Xaa’oon uumamaa biyya keessatti oomishame kun biyyoo asiidawaa ta’e yaaluun gara uumamaatti deebisa.

Xaa’oon albuudataalaa bu’aa qorannaa yaalii Looreet Taalageetaa Li’uuli.

Xaa’oo uumamaa kanarratti Ministeerri Teeknooloojii fi Innoveeshinii, Biiroo Qonnaa Oromiyaa waliin Hoolataatti yaalii calqabaa gaggeessaniiru.

Biyyoo asidawaa yaaluun, biyyoon sun gara bifa duraatti akka deebi’u kan taasisu yammuu ta’u, oomishtummaa ni dabala.

Dhiibbaa kamiyyuu naannoorraan kan hin geechisne ta’uu fi midhaan nyaataaf olaanis dhamdhama isaanii hin jijjiiru.

Qoraatichi bu’aa qorannoo kanaan qonnaan bultoota Afrikaa fayyaduun hiyyummaa keessaa baasuuf karoora akka qaban dubbataniiru.

Yeroo ammaa guyyaatti kuntaala 50 oomishuun danda’ameera.

Sadarkaa Afrikaatti immoo yemmuu oomishuu jalqabu torbeen toonii kuma 5 oomishuuf karoora akka qaban hubachisaniiru.

Ministirri Teeknooloojii fi Innoveeshinii Dooktar Injinar Geetaahuun Makuriyaa akka jedhanitti, kanaan dura kan argame pooliitar waliin waldorgomsiisnee kan irra fooyyee qabu gara qonnaan bulaatti erguuf ni hojjenna jedhaniiru.

Xaa’oon albuudataalaa wantoota dheedhii 55 ol of keessaa qaba.

Si’a tokko faayidarra yoo oole hanga waggaa 4tti lafti xaa’oo biroo hin barbaadu.

Comments
Loading...