Fana: At a Speed of Life!

Konkolaachistoonni gargaarsa yaalii fayyaa calqabaa kennuu akka daanda’aniif leenjiin kennameef

0 95

Finfinnee, Gurraandhala 6,2011 (FBC)- Konkolaachistoonni Ministeera Eegumsa Fayyaa gargaarsa yaalii fayyaa calqabaa kennuu akka danda’an leenjiin kennameef.

Leenjichi balaa nam-tolchee fi tasaa hamma miidhamtoonni hoospitaala gahanitti konkolaachistoonni gargaarsa yaalii fayyaa calqabaa akka taasisan gargaara jedhan ministirri Ministeera Eegumsa Fayyaa FDRI Dooktar Amiir Amaan.

Ministirichi guyyaa har’aa konkolachistoota guyyoota sadiif leenjii fudhatan 60f waraqaa ragaa kennaniiru.

Gara fulduraattis qaamolee hawaasaa dirree hojii kanarratti bobba’aniif leenjiin kun ni kennama jedhaniiru.

Comments
Loading...