Fana: At a Speed of Life!

Weellisaa fi barreessaa Daadhii Galaan namoota hin beekamneen ajjeefame

0 719
Finfinnee, Gurraandhala 5,2011(FBC)- Weellisaa fi barreessaa Daadhii Galaan namoota hin beekamneen ajjeefame.
 
Artiist Daadhiin godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Jaarraa Gooroo bakka Buuyyamaa jedhamutti haadha isaa Likkee Damissee fi abbaa isaa Galaan Wadaajoo irraa bara 1968 dhalate.
 
Artiist Daadhii fi jaallan isaa kaleessa godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Ashuffeetti ebba hoteelatiif sirbaarra turan.
 
Yaata’uutii dhukaasa namoota hin beekamnerraa banameen lubbuun artiist Daadhii Galaan yoo darbu, jaallan isaa balicha jalaa hafaniiru.
 
Qaamni dhukaasa banee Daadhii ajjeese miliqeera.
 
Daadhin sirboota qabsoo fi sabboonummaa Oromoo jajjabeessan viidiyoo fi sagaleedhan maxxansiisuun gumaachaa tureera.
 
Artiistii fi barreessaa Dhaadhiin kitaabota Aangoo sanyiin dhaalan/ Numalee/, Yaadannoo jaallanii/Liiban Liibiyaa taate/, fi Boolla nugusa nyaatte gumaachera.
 
Sirboota baaqqee fi albamootas gumaachuun guddina aartii Oromootif dhama’aa tureera.
 
Sirboota isaa hedduuf walaloo fi yeedaloo qopheessaa kan ture ofumaafi.
 
Daadhin weellisaa, barreessaa, waloo fi yeedaloos qopheessaa ture.
 
Artiist Daadhiin seenaa qoratu malee hin barreessu, hin sirbu jedhu hiriyoonni dhiyeenyan isa beekan.
 
Reeffi Daadhii Galaan Hoospitaala Adaamaatti kan qoratame yammuu ta’u, sirni awwaalcha isaas naannoo dhaloota isaa Shawaa Bahaa akka ta’u FBCn odeeffateera.
 
Qaamni nageenyaa godinichaas dhimmicha qorachaa jira.
Comments
Loading...