Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni koomiishinichaa hariiroo biyyoolessaa waaraa uumuuf akka hojjetanDooktar Abiy dhaaman

0 113
Finfinnee, Gurraandhala 5,2011(FBC)- Miseensonni Koomiishinii Araraa fi Nageenyaa hariiroo biyyoolessaa waaraa uumuuf akka hojjetan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhaaman.
 
Waltajjii walbaruu miseensota koomiishinichaarratti kan argaman muummee ministiraa Dooktar Abiy, Phaaphaasii Kaatolikii Ityoophiyaa Kaardinaal Birhaanayyasuus walitti qabaa gochuun muudaniiru.
 
Ogeettii seeraa aadde Yetnabbarsh Nigusee itti aantuu walitti qabduu gochuun muudaniiru.
 
Dooktar Abiy koomiishinichi biyyoota kaanifiuu hojii fakkeenyummaa qabu akka hojjetu dhaamaniiru.
 
Koomiishinichi itti gaafatamasaa ba’achuuf Ministeera Nageenyaa waliin walitti dhiyeenyan hojjeta.
Comments
Loading...