Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Bulchiinsa Daangaa Iityoo-Keeniyaa Adaamatti walga’eera

0 152
Finfinnee, Gurraandhala 5,2011(FBC)- Koomiishiniin Bulchiinsa Daangaa Waloo Iityoo-Keeniyaa Adaamatti walga’eera.
 
Koomiishinichi walga’iisaa 32ffaadhani magaalaa Adaamaatti kan walga’e.
 
Koomiishiniin bulchiinsa daangaa waloo Iityoo-Keeniyaa, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, rakkoolee naannoo daangaatti mudatan tumsaan hiikuu, misooman walitti hidhamuuf kan hundaa’edha.
 
Waltajjichi har’a Gurraandhala 5 amma 7,2011tti kan gaggeeffamu yammuu ta’u, nagaa fi tasgabbii, daddabarsa meeshaa seeran alaa fi godaansa seeran alaa ittisuurratti xiyyeeffachuun ni mari’ata.
 
Namoota naannoo daangaarra jiraatan misooma, daldala, barnoota fi fayyaadhan fayyadamoo taasisuufis ni mari’atama.
Comments
Loading...