Fana: At a Speed of Life!

FKMA/FIFA/ waajjirasaa Naannichaa Finfinneetti bane

0 137
Finfinnee, Gurraandhala 5,2011(FBC)- Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Addunyaa(FKMA/”FIFA”) waajjirasaa baha Afrikaa Finfinneetti bane.
Banamuun waajjirichaa hirmaannaa miseensota biyyoota Afrikaa dabaluuf kaayyeffateeti.
 
Waajjirri damichaa kaleessa Gurraandhala 4,2011 magaalaa Finfinneetti baname 11ffaa iasaati.
 
Sirnicharratti ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI Dooktar Hiiruut Kaasaaw, preezdaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo, koomiishinarri Koomiishinii Ispoortii Ristuu Yirdaaw, hoggansi Mana Maree Waldaa Kubbaa Miillaa Bahaa fi Jiddugaleessa Afrikaa, hoggansi Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Kaaba Afrikaa, preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa Isaayyaas Jaarraa, hoggansi Waldaa miseensota FIFA fi daayreektarri Misooma Kubbaa Miillaa Afrikaa fi Kaariibiyaa Veeroon Mooseengoo-Ombaa fi barreessituu olaantuu FIFA Faaxumaa Saamooraan argamaniiru.
Comments
Loading...