Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Afrikaa hojiilee misooma qonnaa fi hawaasummaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise

0 105
Finfinnee, Gurraandhala 5,2011(FBC)- Baankiin Misoomaa Afrikaa hojiilee misooma qonnaa fi hawaasummaa Ityoophiyaa akka deeggaru beeksise.
 
Ittia aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan preezdaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Akiinwumii Adeesinaan har’a waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.
 
Itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaan xiyyeeffannoowwan misoomaa mootummaa Ityoophiyaa ibsaniiru.
 
Preezdaantichi gama isaanitiin baankin isaanii hojiilee misooma qonnaa fi hawaasummaa akka deeggaru beeksisaniiru.
 
Comments
Loading...