Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin gifiraa kennamaa jira

0 130
Finfinnee, Gurraandhala 4,2011(FBC)- Talaalliin gifiraa guutuu Ityoophiyaatti kennamuu eegaluu Ministeerri Eegumsa Fayyaa FDRI beeksise.
 
Talaallichi si’a lammaffaaf kan kennamu yammuu ta’u, dandeettii dhibee ofirraa ittisuu daa’immanii ni dabala.
 
Daa’imman fayya qabeeyyii akka ta’anis ni gargaara.
 
Ministeerichi akka beeksisetti, gifira Ityoophiyaadhaa balleessuuf sagantaan talalalichaa murteessadha.
 
Gifirri dhibee daa’imman rakkoo fayyaaf saaxiluu fi qaamas miidhuu maludha.
 
Maatin daa’imman umriin isaanii waggaa 1 fi baatii 3 guutan akka talaalchisu ministeerichi waamicha dhiyeessera.
Comments
Loading...