Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nagayaa Afrikaa furuuf duula farra shororkeessummaa cimsuun ni barbaachisa- Ambaasaaddar Ismaa’eel Shorgii

0 118
Finfinnee, Gurraandhala 4,2011(FBC)- Rakkoo nagayaa Afrikaatti muul’atu hiikuuf duula farra shororkeessummaa cimsuun ni barbaachisa jedhan koomiishinarri Koomiishinii Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa Ambaasaaddar Ismaa’eel Shorgiin.
 
Koomiishinarichi nagaa fi tasgabbii Afrikaarratti ibsa laataniiru.
 
Ibsichaan filannoon Demokraatika Riippabliika Koongoo fi Maadagaaskaar, akkasumas adeemsi taayitaa dabarsuu ka’eera.
 
Afrikaa Jiddugaleessaatti rakkoon mudate waliigalteen akka furamu hojii hojjetame, nagaa fi tasgabbii Soomaaliyaa akkasumas hojii nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaarratti ibsa laataniiru.
 
Rakkoo Liibiyaa hiikuuf mariin hunda hirmaachise akka taasifamu waliigalamuu, shororkaa Alshabaabii fi Bookohaaraam furuuf fageenya deemamee fi nagaa fi tasgabbii naannoorrattis ibsa laataniiru.
Comments
Loading...