Fana: At a Speed of Life!

Poolaand Ameerikaarraa Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 14n meeshaalee waraanaa bituufi

0 903
Finfinnee, Gurraandhala 4, 2011 (FBC)- Poolaand Ameerikaarraa Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 14n meeshaalee waraanaa adda addaa bituufi.
 
Poolaand Ameerikaarraa meeshaalee amayyaa bituuf qophiirra jiraachuu ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa biyyatii Maariwuuz Bilaazaak dubbataniiru.
 
Bittaan meeshaalee waraanaa kun humna raayyaa ittisa biyyattii gama hundaan cimsuuf kan karoorfame ta’uu ibsameera.
 
Biyyattiin meeshaaleen waraanaa bituuf karoorfatte meeshaalee ammayyaa fageenya fagoo irratti dhuka’uu danda’ani.
 
Rookkeetii, laawuncharii dabalatee meeshaalee adda addaa kan of keessatti hammatuudha.
 
Biyyoonni lamaan waliigaltee dhabuu Raashiyaa waliin walqabatee rakkoo kutaa sana jiru hambisuuf humna waraanaa isaanii cimsachuun barbaachisaa ta’uu xiyyeeffannoon dubbataniiru.
 
Kanatti dabalees rakkoo callisaa fi nageenyaa kutaa sanaa furuuf Ameerikaa fi biyyoota biroo waliin ta’uun hojjachuuf fedhii kan qaban ta’uu eeraniiru.
 
Poolaand bara Faranjootaa darbe Doolaara Ameerikaa biliyoona 4.75 meeshaalee farra miisa’eelii Ameerikaan hojjatame bituuf mallatteessuun ishee ni yaadatama.
 
Maddi፦presstv.com
 
Comments
Loading...