Fana: At a Speed of Life!

Mormitoonni Haaytii preezdaant Jooveneel Mooyisee akka aangoo gadhiisan waamicha dhiyeessan

0 301
Finfinnee, Gurraandhala 4, 2011 (FBC)- Haaytiitti mormitoonni hiriira ba’anii preezdaant Jooveneel Mooyiseen aangoo akka gadhiisan gaafataniiru.
 
Mormitoonni gommaa konkolaataa gubuu fi dhakaa dharbachuun mormii isaanii dhiyeessaniiru.
 
Mormii guyyoota 4f magaala gudditti biyyattii Poortuu Piriinsii fi magaalota birootti gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni afur du’uu fi namoonni baay’een miidhamuun ibsameera.
 
Sababoonni lammiileen Haaytii kumaatamaan lakka’aman torbee kana daanditti mormiif ba’aniif, preezdaant Jooveneel Mooyisee dabalatee hoggantoonni biroo malaammaltummaa raawwataniiru jedhuun ta’uun ibsameera.
 
Mooyiseen akka lakkoofsa Awrooppaatti bara 2017 aangootti yemmuu dhufan mormitoota waliin karaa nagaa hojjachuuf waadaa galuun isaanii ni yaadatama.
 
Paartiin mormitootaa mormiidhaf miseensota isaanii kan yaaman, erga manni murtii biyyattii gabaasa qisaasama maallaqa liqii bara 2008n boodaa baaseyi.
 
Gabaasichaanis Mooyisee fi ministiroonni isaanii maallaqa ramadame seeraan ala itti fayyadamaniiru jedhameera.
 
Haaytiin biyyoota Kaaribiyaa keessa biyya hiyyeettii yoo taatu, galiin guyyaa lammiilee %60 ta’anii Doolaara 2 gadi.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...