Fana: At a Speed of Life!

Mariin daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa torbe dhuftu gaggeeffamuufi

0 186
Finfinnee, Gurraandhala 4, 2011 (FBC)- Mariin daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa torbe dhuftu ni gaggeeffama jedhameet eegama.
 
Dubbi himaan Waayiit Haawus akka beeksiseetti, mariin daldalaa biyyoota gurguddaa lamaan jidduutti taasifamu fuuldura keenya Gurraandhala 14 fi 15 ta’uudha.
 
Maarichi kan gaggeeffamu erga Ameerikaa fi Chaayinaan walmorkii daldalaa keessa seenaniin booda ajandaa qophaa’e ta’uudha kan ibsame.
 
Mariin kunis walitti bu’iinsa daldalaa biyyoonni lamaan keessa seenan ni fura jedhameet eegama.
 
Marichaanis Ameerikaan Chaayinaan seeran ala oomisha Ameerikaa fakkeessuun, meeshaalee oomishuun gatii gadi aanatti gurgurtu akka dhaabdu ni gaafati jedhameera.
 
Kanatti dabalees biyyoonni lamaan hariiroo daldalaa biyyoota lamaan fayyadamaa tasisuu danda’u irrattis kan mari’atan ta’uu ibsameera.
 
Miseensonni garee Ameerikaa mariicha irratti hirmaatu guyyaa har’aa Chaayinaa magaalaa Beejiingi ni galu jedhameet eegama.
 
Maddi; CGTN
Comments
Loading...